
DAYS TO COUNT!
Odeeffannoon lakkoofsa uummataa irraa sassaabamu dhimmoota baay’ee murteessa.
Isaan keessaa baay’ee barbaachisoon:
Gumaacha maallaqaa
Odeeffannoon lakkoofsa uummataa waggaa waggaan gara doolaara biliyoona $589 (doolaara biliyoona $15 hawaasa Mineessotaaf ramadamu dabalatee) mootummaa federaalaa irra gara uummata biyyattiitti akka ramadamuuf ajaja. Hir’inni nama tokkoo lakkoofsa uummataa irraa waggoota kurnan dhufaniif hir’ina doolara $15,000 misooma oola. , maddoota eegumsa daa’immanii, suphaa fayyadama uummataa, eegumsa fayyaa fi kanneen biro irratti fida.
Bakka bu’ummaa
Lakkoofsi uummataa hamma bakka bu’insaa naannoon tokko mana maree bakka bu’ootaa Ameerikaa keessaa ni murteessa. Akkasumas hamma filannoo aanaa fi mootummaa naannoo ni murteessa. Kuni agarsiiftuu akkaataa qabeenyi naannoleef itti raabsamuti.
Karoora
Lakkoofsi uummataa warra dhimma daandii, manneen barnootaa, hospitaalota, giddugaleeyyii buleeyyii, akkasumas tajaajila balaa tasaa irratti karoora murtee kennitootaa ni gargaara.
Daldala
Lakkofsi uummataa haala ramaddii warshaa fi kuusaalee, qacarrii hojjattootaa fi qorannoo gabaa irratti dhimmoota daldalaan walqabatan hojjachuuf ni gargaara.