
DAYS TO COUNT!
GAAFFIILEE YEROO
HEDDUU GAAFATAMAN
Gaaffilee akkamiitu guca lakkoofsa uummataa irra jira?
Gaafileen maqaa, umrii, saala fi sanyii miseensa maatii hammata.
Ani yoon godaanaa ta’ee hoo?
Gucicha guutuuf gargaarsi yoo na barbaachise hoo?
Marsariitii keenya daawwadhaa; kan deeggarsa hawaasaa kennan ni jiru. Tajaajila hiikkaa afaaniis ni argattu.
Yoon ani mana hin qabu ta’e yookiin hiryaa yookiin fira bira yeroof Kanaan jiraadhu ta’ehoo?
Hanga Eebla 01, 2020tti bakkuma jiranitti galmaa’u. Yoo kan mana hin qabne taatan immoo bakkuma galgala bultanitti galmooftu.
Namni mana koo keessa jiraatu hunduu gucicha guutuu qabaa?
Gucicha namni tokko qofti akka guutu barbaadame, garuu namoonni manicha keessa jiraatan hunduu galmaa’uu qabu.
Odeeffannoon waa’ee koo warra ICE bira ni qaqqabaa?
Lakki. The FBI, IRS, ICE fi qaamni seeraa biroon mirga odeeffannoo kana argachuu hin qaban. Icitii hirmaattotaa baasanii qaama dhimmi hin ilaallanneef kennuun hidhaa hana waggaa shanii yookiin $250,000 nama adabsiisa. Hojjattoonni lakkoofsa uummataas seera kana jireenya ofiif jedhanii kabaju. Waan kana qaamni to’atus seeraan ramadama
“Nuti keessummootaaf karra hin bannu”
Yoo gucicha guuttanii deebiftan, hojjattoonni lakkoofsa uummataa qe’ee keessan hin dhufan. Lakkooftonni lakkoofsa uummaataa kan qe’ee keessan dhufan yoo isin gucicha guuttanii hin deebifne qofaadha.